Baafata
Barbaachisummaan beekumsaafi dandeettii Afaanii qabaachuufi dhabuun lammiilee Itiyoophiyaa inni guddaan kan hubatamuu danda’amee akka biyyaaleessa Itiyoophiyaatti cabiinsi barnootaa ifoomuu isaatiin saaxilamee jira. Misoomni tekinooloojii erga haalaan babal’atee as immoo fedhiifi hawwiin ilmaan namootaa Barnoota Afaaniifi tekinoolojiitiif qaban akkan dabalee jira.
Keessatti immoo Uummanni Oromoo erga gara wiirtuu giddu gala siyaasa biyyaaleessa Itiyoophiyaatti dhufeetii fedhiifi dheebuun Afaan Oromoo misoomsuuf qaban agarsiiftuu guddicha sirna gadaa Oromootiin kabaja ayyaana Irreechaa barabaraan taasifamaa jiruun guutummaan sabaafi sablammoota biyya keenyaa, Afirikaanootafi ardiilee biroo hedduu keessatti daran guddaa ta’uun isaa hubatamee jira.
Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne guutummaaan dhaabbilee barnoota magaalaa Finfinnee, magaaloota Oromiyaa hundaafi mootummoota naannolee ja’a ol ta’an keessatti Misoomni Afaan Oromoo itti fufee jira. Kana malees, ardiilee fi guutuu addunyaa irratti Afaan Oromootiin tamsaasi oduulee garaa garaa taasifamuun isaan ijoodha.
Yaadama Qorankalaqaan sakkattahiinsaafi xiinxallii gadi fageenya qabu taasisuun qaawwaafi hanqina mul\'atoofi dhokatoo tahan saaxiluun humnoota dukkanaafi callabboo Afaan Oromoo irra jirutti ifa baasuun Yaadama Qorankalaqaatiin Sona daballee Afaanicha Misoomsuuf ni hojjenna.
Kunis karaalee armaan gadiitiin.
Kaayyooleen dhaabbata kanaa inni duraa Afaan Oromoo Sirna hiikamiinsaa jalaa luba baasee,salphaa,ifaa,hawwataa,qabatamaa suur sagaleefi sirna barreeffamaa dorgomaa gita hin qabne godhee guutuun addunyaa akka baratuufi filannoo isaanii akka taasifatan gochuudhaan misoomsuudha.
Kitaabilee adda Addaa Karaa dhaabbata kanaa Yaadama Qorankalaqaatiin qopha\'anadda addaa fi Meeshaalee DeggersaBarnootaa (Teaching aid materials) qopheessinee dhiheessuun Haala sadarkaafi Umurii daa\'immanii, barattootaafi Manneen Barnootaa keessatti akkasumas Maatii gidduutti/ manatti/ akka irra gargaaramuun barsiisaniif tokkoo tokkoo qabiyyeewwan barannoo wayitii tokkoof mijeeffamanii isiniif dhihaatan Haala salphaafi gatiin gadi aanaadhaan bitattanii akkka itti fayyadamtaniif isiniif dhihaatan waan jiruufi qarshii xiqqaan baaneerii,istiikeeriifi kitaabilee garaagara dhiheessuun tajaajilla kennuun Afaanicha ni misoomsina.
DHaabbatni keenya furtuuwwan milkoomina isaa akka armaan gadiitti qindeeffatee jira.
CARRAWWAN MILKOOMINA DHAABBATICHI QABU
- Afaanichi Afaan Saba Guddaa tahuu isaa cina darbee guutuun addunyaaf barachuun fedhii qabaachuu isaanii.
- Teessoon Ardii Afirikaanootaa Finfinnee tahuu isheen cina darbee Afaan Oromoo Afaan hojii Ardichaa tahuuf Haala mijataa qabaachuu isaa.
-
Guutummaan Mootummoota Naannolee hundinuu Afaanichaan Akka barataniif sochiin taasifamaa jiru boonsaa ta\'uu isaa
- Biyyattiinis tahe Hoggantooti Ardichaa marti Warren Misooma Afaanicha ceesisuuf fedhii ol aanaa qaban argachuu ol aanaa waan qabuuf
- Argannoowwaniifi Kalaqawwan Oromiyaa keessaa bahaa jiran dabalatee hoji maatonni Oromiyaa Misoomsuuf hojjetamaa jiran martinuu Afaan Oromoo barbaadamas taasisuuf carraa guddaa qabaachuu isaaniiti
Cichoomina
DHaabbatni keenya haala gabaa isaa wayita xiinxaluu uummanni Oromoo qofaan akka Afaan Oromoo Ofta’ee hirkatummaafi hiikamiinsa malee akkaataa uumama isaatiin akka misoomuuf yoo irratti hojjetaniif uummata miliyoona 40 olitti ni tilmaamama. Dabalataan uummanni Gaanfa Afirikaa irra jiran hedduun isaanii Afaan kana ni dubbatu. Erga artifishaal intelejeensiin dhufeetii as immoo jijjiiramni guddaan argameera. Kana malees ardiilee kanneen akka Awuurooppaafi Ameerikaa,darbees biyyoota Eeshiyaa tokko tokko keessatti dhaabbilee barnootaa isaanii keessatti Afaan oromoon barsiisaa akka jiran beekamaadha. Bu’uuruma kanaan lammiileen Oromoo ardiilee kanneen keessa jiraatan networkii hojii kanaa ta’anii yoo argaman hojiin kun uummata biliyoona lamaa ol qaqqabuu ni danda’a jennee amanna.
Kana taasisuufis waan akka addunyaatti barbaachisummaan isaa ol aanaa ta’e uumuun afaan kanaan qofa akka tajaajila kennuuf Oromiyaafi Oromoon waa hojjechuun nu babaachisa.Karaa kanaan mul’ati karoora kanaa ni dhugooma.
Fedhii Gabaa Afaanichaafi Hanqina DHiheessii Jiru.
Sadarkaa magaalaa Finfinnee,magaaloota Oromiyaafi magaaloota mootummoota Naannolee Afaan Oromoo keessatti baratamaa jiraniifi tajaajilli itiin kennamaa jiran keessatti keessumaa, dhaabbilee barnootaa tajaajila Afaan kanaan kennaa jiran keessatti hedduu barbaachisumma olaanaa argatee ittis fayyadamuu eegalanii jiru. Fakkeenyaaf Finfinneefi SHaggariin kaasuun ni danda’ama.
kallattii Gara Fuul-Duraa
DHaabbatni Akkaadaamii Afaan Oromoo tajaajila Dijiitaala akkaakuu adda addaa gama website misoomsuutiin hojjetaman miidiyaalee hawaasuummaa kan akka Feesbuukii, telegiraamii fi Yuutuubii gargaaramuun afaan oromootiin kanneen armaan gadii ni kenna.
Tajaajila barnoota fi leenjii ofta’iinsaa qopheessee ni dhiheessa.
Tajaajila maxxansaa kitaabileefi baaneerii,istiikeriifi poosterii addaddaa bifa hawwatummaa fi qulqullina ol aanaa qabaniin kutaa barnootaafi umuriin addaan baasee qopheessee ni dhiheessaa.
waaltahiinsa Afaan Oromoo irratti golaafi golee oromiyaa hunda irraa ragaa walitti qabuun suur sagaleefi barreeffaman dhiheessee qaamolee dhimma misooma Afaanichaa irratti hojjetan waliin qindoominaan ni hojjetee karaa salphaa fi ifaa ta’een guutuu addunyaa ni beeksisa.
Leenjii ogummoota jireenyaa ogeeyyii gahumsaafi muuxannoo yeroo dheeraa qabaniin qopheessee addunyaa kalaqaatiin biyya beekamtuu taasisuuf ni hojjeta.
Kalaqaan Sona dabalee addunyaadhaaf Afaan waliif galtee hundaa caalaa filatamaa taasisuuf ni karaa hundaan ni hojjenna.
Media hawaasummaa keenyaan barachuu barbaadduu?
Nu qunnamuun bifa salphaa taeen barumsa gahaa tae argachuu dandeessu.
Waa\'ee keenya
Jalqabbiin guddina,dagaaginaafi misooma Afaan Oromoo eegalee ture,cimee itti fufuudhaan xumura bara 2022(2030)tti guutummaan guutuutti Sirna hiikamiinsaa jalaa luba ba’ee bifa hawwatummaan isaa ,qulqullinni isaa,haala baay’ee salphaa, ifaa fi qabatamaa Amansiisaa ta’een dorgomaa mo’ataata’ee dhiyaachuu isaan Afaanoota sadarakaa addunyaatti afaan hojii Giloobaaliyizeshinii ta’aanii filatamaan keessaa isa tokko ta’uu isaa arguudha.
Afaan Oromoo sirna hiikamiinsaa jalaa luba ba’ee ofta’uun Gama saayinsiifi teekinooloojiitiin deggerameen dijiitaala ta’ee dhihaachuu isaatiifi gama amaleeffatameen illee gabaa daldala keessa galuudhaan galii dinagadee namoota dhuunfaafi biyyaaleessaa gabbisuu danda’een hojii dhabdoota hedduuf carraa hojii uumee jaallatamummaan isaa karaa amansiisa guutuu qabuun dabalee tajaajila dhiyeessii gama hundaan taasisuu.
Lammiileen kamiyyuu afaanicha misoomsuuf salphaatti hubatamuu,baratamuu,barsiifamuu akka danda’uu beekanii ittis amanuudhaan of kennuun hojiiwwan isaanii,taphoota isaanii, kalaqoota isaaniis ittiin beeksifachuuf akka of qopheessaniif kalaqaan sona daballee sagantaalee hojii damdaneessa ta’ee uumuun yeroo gabaabaa keessattii tajaajila barnootaa karaalee Social media adda addaa hirmaattootaafi hordoftoota qabaatee akka dagaaguufi misoomuuf E-Commerce tiin,you tube’n akkasumas tajaajila dhiheessii meeshaalee deggersa barnootaa sadarkaa bu’uura boruu irraa eegalee guutuu biyyaafi addunyaatiif dhiheessuudhaan guutummaan addunyaa afaanicha akka baratan taasisuudha.
Kitaabilee fi Barja Gurgurtaa
Kitaaba Dabballee
PA! WAAN RAAJIITIIM!
Qar600
Karaa Telegraamii keenyaa nu qunnamuun kaffaltii erga xumurtan booda kitaaba kana download godhachuu dandeessu.
Mioota ulfoo Gadaa
Qar100
Karaa Telegraamii keenyaa nu qunnamuun kaffaltii erga xumurtan booda meeshaalee barnootaa kana download godhachuu dandeessu.
Karaa Telegraamii keenyaa nu qunnamuun kaffaltii erga xumurtan booda meeshaalee barnootaa kana download godhachuu dandeessu.
Waqtiilee Afran
Qar100
Karaa Telegraamii keenyaa nu qunnamuun kaffaltii erga xumurtan booda kitaaba kana download godhachuu dandeessu.
Sagaleewwan gaggabaaboofi dhedheeroo
Qar100
Karaa Telegraamii keenyaa nu qunnamuun kaffaltii erga xumurtan booda meeshaalee barnootaa kana download godhachuu dandeessu.
Karaa Telegraamii keenyaa nu qunnamuun kaffaltii erga xumurtan booda meeshaalee barnootaa kana download godhachuu dandeessu.
Hiika jechootaa afaan Ingiliziifi amaaraan
Qar100
Karaa Telegraamii keenyaa nu qunnamuun kaffaltii erga xumurtan booda kitaaba kana download godhachuu dandeessu.
Jioota Waggaa
Qar100
Karaa Telegraamii keenyaa nu qunnamuun kaffaltii erga xumurtan booda meeshaalee barnootaa kana download godhachuu dandeessu.
Karaa Telegraamii keenyaa nu qunnamuun kaffaltii erga xumurtan booda meeshaalee barnootaa kana download godhachuu dandeessu.
Yaadota kennaman
Jabaadhaa hojiin isin hojjechaa jirtan nama boonsu.
Hojiin ofii ibsituu eenyummaa ofiiti, deemsa keessan itti fufaa.
Hojii milkaa\'ina qabu namni hojjetu nama waan hojjetu beekuudha, kaayyoon socho\'uunis milkaainsa namaa saffisiisa. isin waliin jirra jabaadhaa. Tokkummaan humna.
Lammiileen kamiyyuu afaanicha misoomsuuf salphaatti hubatamuu,baratamuu,barsiifamuu akka danda’uu beekanii ittis amanuudhaan of kennuun hojiiwwan isaanii,taphoota isaanii, kalaqoota isaaniis ittiin beeksifachuuf akka of qopheessaniif kalaqaan sona daballee sagantaalee hojii damdaneessa ta’ee uumuun yeroo gabaabaa keessattii tajaajila barnootaa karaalee Social media dagaagsuu
Gaaffii qabduu
+251920408204 kitilakitila05@gmail.com
+251920408204
kitilakitila05@gmail.com
Akkaadaamii Afaan Oromoo is proudly powered by WordPress
