Waa’ee Keenya
Waa\'ee keenya
waa\'EE KEENYA
Akkaadaamiin Afaan Saba tokkoo jiraachuun isaa dhimmoota waaltina jechootaa,caasluga,sirnootaa adda addaa,,duudhaafi safuu afaan tokko qabaachuu qabuuf murteessuummaa ol aanaa qabaachuun isaa beekamaadha. Dabalataanis guddina,daagaaginaafi misooma Afaan saba sanaatiif furtuu waliigala afaanichaati.
Afaan oromoo Afaan mana hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’ee tajaajila kennuu kan eegale naannoo bara 1990 mootati kaaseeti. Kunis ta’uu kan danda’ee sababii qabsaa’oota siyaasaa, barreessitootaa(aartistootaa),wellistootaa,hayyota oromoon akka of beekuuf of baratuuf aarsaa kaffalamuu qabu kaffalaniin ta’eera.
Bu’uura qabsoo qabsaa’oota armaan olii kanaan kan ka’ee biiroon Aadaafi Tuurizimii caasaa tokko taasisuun Inistiitiyuutii qo’annoofi qorannoo Oromoo hundeessuun wiirtuu giddu gala Aadaa Oromoo jiruun qorannoofi qo’annoon itti fufuu danda’ee jira. Dabalataan waldaan barreessitoota oromoo,waldaan qorannoo oromoo(OSA) akka jaarmiyatti socho’uun hojiitti seenanii jiraachuun isaanii akka jalqabbii gaariifi abdachiisaatti kaasuun ni danda’ama.
Yaadota kennaman
Jabaadhaa hojiin isin hojjechaa jirtan nama boonsu.
Hojiin ofii ibsituu eenyummaa ofiiti, deemsa keessan itti fufaa.
Hojii milkaa\'ina qabu namni hojjetu nama waan hojjetu beekuudha, kaayyoon socho\'uunis milkaainsa namaa saffisiisa. isin waliin jirra jabaadhaa. Tokkummaan humna.
Lammiileen kamiyyuu afaanicha misoomsuuf salphaatti hubatamuu,baratamuu,barsiifamuu akka danda’uu beekanii ittis amanuudhaan of kennuun hojiiwwan isaanii,taphoota isaanii, kalaqoota isaaniis ittiin beeksifachuuf akka of qopheessaniif kalaqaan sona daballee sagantaalee hojii damdaneessa ta’ee uumuun yeroo gabaabaa keessattii tajaajila barnootaa karaalee Social media dagaagsuu
Gaaffii qabduu
+251920408204 kitilakitila05@gmail.com
+251920408204
kitilakitila05@gmail.com
Akkaadaamii Afaan Oromoo is proudly powered by WordPress
