Seensa
Home → Seensa
Barbaachisummaan beekumsaafi dandeettii Afaanii qabaachuufi dhabuun lammiilee Itiyoophiyaa inni guddaan kan hubatamuu danda’amee akka biyyaaleessa Itiyoophiyaatti cabiinsi barnootaa ifoomuu isaatiin saaxilamee jira. Misoomni tekinooloojii erga haalaan babal’atee as immoo fadhiifi hawwiin ilmaan namootaa Barnoota Afaaniifi tekinoolojiitiif qaban akkan dabalee jira.
Keessatti immoo uummanni Oromoo erga gara wiirtuu giddu gala siyaasa biyyaaleessa Itiyoophiyaatti dhufeetii fedhiifi dheebuun Afaan Oromoo misoomsuuf qaban agarsiiftuu guddicha sirna Gadaa Oromootiin kabaja ayyaana Irreechaa barabaraan taasifamaa jiruun guutummaan sabaafi sablammoota biyya keenyaa, Afirikaanootaafi ardiilee biroo hedduu keessatti daran guddaa ta’uun isaa hubatamee jira.
Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne guutummaaan dhaabbilee barnoota magaalaa Finfinnee, magaaloota Oromiyaa hundaafi mootummoota naannolee ja’a ol ta’an keessatti Misoomni Afaan Oromoo itti fufee jira. Kana malees, ardiilee fi guutuu addunyaa irratti Afaan Oromootiin tamsaasi oduulee garaa garaa taasifamuun isaan ijoodha.
Haa ta’u malee Afaan Oromoo Akkaadaamii mataa isaa qabaachuun hawwattummaa, jaallatamummaa, qulqulinaafi salphaatti baratamuu akka danda’u taasisuun tajaajila dhiheessi Afaanichaa karaa ifaafi salphaa ta’een akka afaanichi guutummaa Afaanota Addunyaa irra jiran keessaatti dorgomaa filatamaa taasisuuf Qorankalaqaan sona dabalamee sirna hiikamiinsaa jalaa baasuun oftaasisuun meeshaa walquunnamtii ilmaan namootaa taasisuun barbaachisummaa ol aanaa kan qabaatuudha. Kanaafis gama hirmaachisummaa mootummaa naannoo Oromiyaafi dhaabbilee misooma Afaanii, ogeeyyii tekinooloojii gargaaramuun qindoominaafi tokkummaa dhaan waaltina afaanichaa gama mirkaneessiseen afaanicha afaan barnootaafi dinagdee dijiitaalaa taasisuuf DHaabbatni Akkaadaamii afanoromoacademy.com barsiisaa Kitilaa Karoorsaa Aagaa, barreessaa kitaabilee Afaan Oromoo maqaan isaanii kitaaba Asii ka’uu; ’Bu’uura Barnoota Afaan Oromoo,barnoota Dabballee Gadaa, Abbahaadhoon gargaaraa barsiisaa jalqabaa Haata’aniifi kitaabilee Bu’uura Boruu Umurii 4,5 fi 6 ,dabalataanis Kitaaba Dabballee Umurii 7fi 8 (pa!pa! )Jedhus Yaadama Qoran Kalaqaatiin maddisiisee qopheessee kan jiruufi abbaa kalaqa Gabateewwan Afaan Oromoo Misoomsuuf oolan addaa addaa, Akkasumas hundeessaa dhaabbata kenna tajaajila barnootaa,dhiyeessii meeshalee deggersa barnootaa fi walitti qabaa waldichaa kan ta’een kan eegalmeedha.

Akkaadaamii Afaan Oromoo is proudly powered by WordPress